Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile
Addis Standard Afaan Oromoo

@addisstandardao

Facebook: facebook.com/AddisstandardAO Telegram: t.me/AddisstandardAO

ID: 1694644860769185792

linkhttps://addisstandard.com/Afaanoromoo/ calendar_today24-08-2023 09:36:55

1,1K Tweet

1,1K Followers

2 Following

Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: #TPLF Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota buleeyyii 16 ari’uu ibse Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin kan durfamu Adda Bilisummaa Uummata #Tigraay (TPLF) itti aanaa paartichaa kan turan Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota buleeyyii 16 ittise. facebook.com/AddisstandardA…

Oduu: #TPLF Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota buleeyyii 16 ari’uu ibse 

Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin kan durfamu Adda Bilisummaa Uummata #Tigraay (TPLF) itti aanaa paartichaa kan turan Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensota buleeyyii 16 ittise. 

facebook.com/AddisstandardA…
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

📸 Ayyaanni jijjiirraa baraa saba #Haadiyyaa “Yaahoodee” kabajamuu eegale Sirni kabajaa jijjiirraa baraa saba Haadiyyaa #Yaahoodee jedhamuun beekamu aanaalee godinichaa gara garaatti kabajamuu eegaleera. Suuraa: Kominikeeshinii Godina Haadiyyaa

📸 Ayyaanni jijjiirraa baraa saba #Haadiyyaa “Yaahoodee” kabajamuu eegale

Sirni kabajaa jijjiirraa baraa saba Haadiyyaa #Yaahoodee jedhamuun beekamu aanaalee godinichaa gara garaatti kabajamuu eegaleera.

Suuraa: Kominikeeshinii Godina Haadiyyaa
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

#Gondaritti walitti bu’iinsa gaggeeffamaa jiruun namoonni hedduun du’an Naannoo #Amaaraa magaalaa Gondar fi naannawa isheetti tibbana humnoota mootummaa fi hidhattoota #Faannoo gidduu lolli cimaan gaggeeffamaa akka ture jiraattonni himan. facebook.com/AddisstandardA…

#Gondaritti walitti bu’iinsa gaggeeffamaa jiruun namoonni hedduun du’an 

Naannoo #Amaaraa magaalaa Gondar fi naannawa isheetti tibbana humnoota mootummaa fi hidhattoota #Faannoo gidduu lolli cimaan gaggeeffamaa akka ture jiraattonni himan.

facebook.com/AddisstandardA…
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Ayyaana #Irreechaaf gatiin geejjiba xiyyaaraa irra deebiin sirreeffame; 20% hir'ateera Hawaasa diyaaspooraa ayyaana Irreechaa irratti hirmaachuu barbaadaniif gatiin geejjiba xiyyaaraa 20% akka hir’atu taasifamuu Komishiniin Turizimii #Oromiyaa beeksise. t.me/AddisstandardA…

Ayyaana #Irreechaaf gatiin geejjiba xiyyaaraa irra deebiin sirreeffame; 20% hir'ateera 

Hawaasa diyaaspooraa ayyaana Irreechaa irratti hirmaachuu barbaadaniif gatiin geejjiba xiyyaaraa 20% akka hir’atu taasifamuu Komishiniin Turizimii #Oromiyaa beeksise.

t.me/AddisstandardA…
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: Geetaachoo Raddaan “adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu irratti qofa dhiibbaa gochuun sirri miti” jedhan “Adeemsa loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu fi hawaasatti makuu qofa irratti dhiibbaa gochuun itti gaafatamummaa kan isa hanqate" jedhan. facebook.com/AddisstandardA…

Oduu: Geetaachoo Raddaan “adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu irratti qofa dhiibbaa gochuun sirri miti” jedhan 

“Adeemsa loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu fi hawaasatti makuu qofa irratti dhiibbaa gochuun itti gaafatamummaa kan isa hanqate" jedhan. 

facebook.com/AddisstandardA…
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaaden mootummaan #Itoophiyaa ‘mirga heeraa uummata #Somaalee sarbe’ jechuun himate addisstandard.com/Afaanoromoo/?p… "Jaarsolii fi dubartoonni Somaalee televijiinii irratti bahanii eenyummaa isaanii haaluun akka of salphisan dirqisiifamaniiru" jedhe.

Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Gulaallii: Mirgi Abbayyaatti fayyadamuun #Itoophiyaaf dhimma birmadummaati, biyyoota yaa’a lagichaa gidduu itti fayyadamni wal-qixaa fi madaalawaa ta’e jiraachuu qaba! addisstandard.com/Afaanoromoo/mi…

Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Yuunivarsiitiin #Finfinnee barattoota 200’f carraa barnoota bilisaa kenne Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota qormaata kutaa 12ffaa 2016 fudhatanii qabxii 500 fi isaa ol galmeessan 200 dorgomsiise carraa barnoota bilisaa kennuuf ta'uu beeksise. t.me/AddisstandardA…

Yuunivarsiitiin #Finfinnee barattoota 200’f carraa barnoota bilisaa kenne

Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota qormaata kutaa 12ffaa 2016 fudhatanii qabxii 500 fi isaa ol galmeessan 200 dorgomsiise carraa barnoota bilisaa kennuuf ta'uu beeksise.

t.me/AddisstandardA…
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

#Suuraadhaan: Dokimantariin ‘Ateetee Ayyaana Hawwootaa’ eebbifame Fiilmiin Dokimantarii aadaa Ateetee Ayyaana Hawwootaa kaleessa Fulbaana 18, 2024 bakka abbootiin Gadaa fi haadholiin Siinqee dabalatee keessummoonni waamichi taasifameef argamanitti eebbifame. 📸 Arja

#Suuraadhaan: Dokimantariin ‘Ateetee Ayyaana Hawwootaa’ eebbifame

Fiilmiin Dokimantarii aadaa Ateetee Ayyaana Hawwootaa kaleessa Fulbaana 18, 2024 bakka abbootiin Gadaa fi haadholiin Siinqee dabalatee keessummoonni waamichi taasifameef argamanitti eebbifame.

📸 Arja
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Lammiilee #Itoophiyaa 79,000 ol Saa’udi Arabiyaa irraa gara biyya isaanii deebifaman Baatii shan keessa lammiilee Itoophiyaa 79,400 ol Saa’udi Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebifamuu Ministeerri Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise. t.me/AddisstandardA…

Lammiilee #Itoophiyaa 79,000 ol Saa’udi Arabiyaa irraa gara biyya isaanii deebifaman

Baatii shan keessa lammiilee Itoophiyaa 79,400 ol Saa’udi Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebifamuu Ministeerri Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

t.me/AddisstandardA…
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: Gareen Geetaachoo Raddaa ‘fonqolcha mootummaa narratti raawwachuuf karoorseera’ jechuun garee Dabratsiyooniin himate addisstandard.com/Afaanoromoo/?p… “Gareen Dabratsiyoon caasaa bulchiinsa yeroo naannichaa diiguudhaan naannicha wiirtuu jeequmsaa taasisuuf hojjechaa jira” jedhe.

Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: Naannoo #Somaaleetti haleellaa masjiida irratti raawwatameen lubbuun namoota jaha darbe addisstandard.com/Afaanoromoo/?p… Roobii barii naannoo sa’aatii 10:00 irratti haleellaan kun yeroo raawwatamu barattoonni amantaa jaha mooraa masjiida keessa akka turan jiraataan tokko himeera.

Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

#Tarkiin aanga'oota #Itoophiyaa fi #Somaaliyaa adda addatti marisiisuuf akka yaadde ibsite Tarkiin Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu mariin marsaa sadaffaa gaggeeffamuun dura gaggeessitoota biyyoota lamaan adda addatti mariisisuuf karoorfachuu ibsite. t.me/AddisstandardA…

#Tarkiin aanga'oota #Itoophiyaa fi #Somaaliyaa adda addatti marisiisuuf akka yaadde ibsite

Tarkiin Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu mariin marsaa sadaffaa gaggeeffamuun dura gaggeessitoota biyyoota lamaan adda addatti mariisisuuf karoorfachuu ibsite. 

t.me/AddisstandardA…
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: #Goojjam_Bahaatti barsiisonni lama “barnoota eegalchiisuuf yaaltan” jedhamanii hidhattootaan ajjeefaman addisstandard.com/Afaanoromoo/?p… Barsiisonni kunneen kan ajjeefaman "hojii baruufi barsiisuu bara 2017 jalqabsiisuuf sochii gootaniitu..." jedhamuun akka ta’e ibsameera.

Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: Baankii Daldala Itoophiyaa fi #Viizaa Intarnaashinaal waliigaltee waggaa 5 turu mallatteessan Waliigaltichi maamiltoonni baankichaa gara biyya alaa imalan karaa viizaa kaardiitiin sharafa alaa akka argatan kan taasisu ta’uu ibsameera. facebook.com/AddisstandardA…

Oduu: Baankii Daldala Itoophiyaa fi #Viizaa Intarnaashinaal waliigaltee waggaa 5 turu mallatteessan

Waliigaltichi maamiltoonni baankichaa gara biyya alaa imalan karaa viizaa kaardiitiin sharafa alaa akka argatan kan taasisu ta’uu ibsameera. 

facebook.com/AddisstandardA…
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: Baqattoonni Itoophiyaa #Masrii keessa jiraatan ‘hidhaa fi dararaan nutti hammaate’ jedhan addisstandard.com/Afaanoromoo/?p… “Nuti garee siyaasaa kamuu waliin hidhata hin qabnu. Ta’us waldhabdee biyyoota lamaan giddu jiruun doorsisa, hidhaafi dararaan nurra gahaa jira” jechuun ibsan.

Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: ‘#Itoophiyaan hayyama malee meeshaa waraanaa gara bulchiinsa #Puuntlaand ergaa jirti’ - #Somaaliyaa addisstandard.com/Afaanoromoo/?p… Taateen kunis ''birmadummaa #Somaaliyaa kan sarbu'' fi ''nageenya biyyaa fi naannawaa Gaanfa Afrikaa irratti balaa hamaa kan qabu'' jechuun ibsite.

Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Waggoota sadan darbanitti barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan keessa 3-5% qofa qabxii darbiinsaa galmeessuun isaanii yaaddessaa ta’eera. Naannawaa walitti bu’iinsa jiruttis lakkoofsi barattoota qormaaticha fudhatan daran gadi bu’eera. t.me/AddisstandardA…

Waggoota sadan darbanitti barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan keessa 3-5% qofa qabxii darbiinsaa galmeessuun isaanii yaaddessaa ta’eera. 

Naannawaa walitti bu’iinsa jiruttis lakkoofsi barattoota qormaaticha fudhatan daran gadi bu’eera.

t.me/AddisstandardA…
Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) 's Twitter Profile Photo

Oduu: #Booranatti ‘milishoonni lubbuu dargaggeessa tokko galaafatan, lama madeessaniiru’ - Jiraattota addisstandard.com/Afaanoromoo/?p… Milishoonni dhukaasa kan banan “sababa dargaggoonni kunneen kaffaltii kottee jedhamu qarshii 50 milishaan gaafate kaffaluu didaniif” ta’uu ibsameera.